Jarman hojiilee Komishiinii Haaromsa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Jarman Itiyoophiyaatti loltoota duraanii deebisaanii ijaaruuf tattaaffii Komishiiniin Haaromsa Biyyaalessaa taasisaa jiru kan deeggartu ta’uu ibsite.

Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Jarman Joonsi Haanfeldi waliin mari’ataniiru.

Loltoota duraanii jireenya idileetti deebisuuf hojiilee hojjetamaa jirurratti mari’achuu ibsameera.

Guyyoota muraasa booda Naannoo Tigraayitti hojiin loltoota duraanii hawaasaatti makuu marsaa jalqabaa kan eegalamu ta’uu ibsameera.

Mootummaan Jarman hojiilee mootummaan Itiyoophiyaa gama kanaan hojjechaa jiru akka tumsu Komishinar Tamasgeen Xilahuun gaafataniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaa jiru kan dinqisiifatan ta’uu Ambaasaaddar Joonsi Hanfeldi ibsaniiru.

Mootummaan Jarman hojiilee loltoota duraanii deebisaanii dhaabuuf hojjetamaa jiru kan deeggaru ta’uu mirkaneessuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment