Jarman hariiroo Itiyoopiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2016 (FBC) – Jarman hariiroo Itiyoopiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa biyyattii Heeyiko Nitshiikaan ibsan.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Jarmanitti Ergamaa Addaa Gaanfa Afrikaa Heeyiko Nitshiikaa waliin mari’taniiru.

Marii isaaniin haala waqtawaa Gaanfa Afrikaa fi Ardiicharratti mari’achuun ibsameera.

Ambaasaaddar Misgaanuun Jarman Itiyoophiyaaf michuu tarsiimawaa ta’uu eeruun, hariiroo cimaa biyyoota lameen gidduu jirurratti ibsa laataniiru.

Jarmanitti Ergamaan Addaa Gaanfa Afrikaa Heeyiko Nitshiikaa gamasaaniin, Jarman hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment