Jarman gama ‘WFP’n Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaatiif Yuuroo miiliyoona 8.5 deeggarsa taasiifte

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Jarman gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Sagantaa Nyaataan Ityoophiyaatti deeggarsa namoomaatiif Yuuroo miiliyoona 8.5 deeggaarsa taasiifteerti.
Deeggarsichi lammiilee naannoo Tigraay sababa duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi balaa uumamaan deeggarsa namoomaa hatattamaa barbaadaniif kan oolu ta’uu himameera.
Deeggarsi kun lammiilee naannichaa deeggarsa namoomaa ariifachiisaa barbaadan miiliyoona 2.1 kan qaqqabu ta’uus ibsameera.
Dabalataan lammiilee biyyattiitti buufata godaansaa keessa jiraniif kan oolu ta’uu ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaa Nyaataarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment