Finfinnee, Muddee 9, 2014 (FBC)- Jarmaan Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 80.6 akka laattuu ifoomsiteetti.
Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee kaleessa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jarmaan Awuur Steepaaniin simachuun waliin mari’ataniiru.
Tumsa diinagdee biyyoota lamaaniirratti kan mari’atan yoo ta’uu, Ambaasaaddarichi Jarmaan Ityoophiyaaf deeggarsa Yuuroo Miiliyoona 80.6 akka taasiftuu ifoomsaniiru.
Deeggarsi maallaqichaa Ityoophiyaan hojirra kan oolchituu sagantaa wabii nyaata, bulchiinsa gaarii, itti fayyadama lafaa, makaanayizeeshinii qonnaa akkasumas hongee dandamachuuf proojektiwwan hojiirra olchituuf ta’uu Ministeerichi ibseera.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.