Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Jalqabbii dorgommii kalaqaa daran cimsuuf hojjatamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa oromiyaa beeksise.
Biirichi Sirna deeggarsaa fi hordoffii kalaqaalee Manneen Barnootaa diriirsuuf, Biiroo Carraa hojii uumuufi Ogummaa Oromiyaa, Abbaa Taaytaa Saayinsiif Teknoolojii Oromiyaa fi Waldaa Interpirinaroota Shaggar waliin sanada waliigaltee mallatteesseera.
Waliigaltee hojii kalaqaa irratti sirna deeggarsaa fi hordoffii manneen Barnootaa diriirsuun rakkoolee hawaasaa qindoominaan furuuf kan gargaaru ta’un eerameera.
Hoogganaa Biiroon Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo akka jedhanitti hojiin kalaqaa murteessaa ta’uu ibsuun, jalqabbiin dorgommii kalaqaa daran cimsuuf hojjatamaa jira jedhan.
Aadaan wal dorgommii kalaqaa manneen Barnootaa keessa jiruu cimsuun mul’ata ce’uumsa teknoolojii biyyattiin qabdu dhugoomsuuf hunduu abbummaan hojjachuu akka qabuus himaniiru.
Hoogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Obbo Matiyoos Sabbooqaa gamasaan, kalaqaalee ce’uumsa teknoolojiif galtee ta’uu danda’an karaa caasaalee seektaraatin calaluun ijaaruu irratti qindoominaan kan hojatan ta’uu ibsuun abbootin kalaqaa giddugala leenjii ogummaa koolleejjiiwwan BLTO’tti akka fayyadaman ni taasifama jedhniiru.
Daayrekterri Olanaa Abbaa Taaytaa Saayinsii fi Teknoolojii Oromiyaa Obbo Mokonniin Bayyanaa fi Hoji gaggeessaa olaanaa Waldaa Interpirinaroota Shaggar Obbo Alamuu Zallaqaa kalaqa Manneen barnootaa biyya keenyatti jalqabame milkeessuu keessatti shoora irraa eeggamu kan bahatan ta’uu sirna walii galtee kanarratti dubbachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.