Jallisii marsaa 1ffaan hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 100 fi kumni 29 sanyii qamadiin uwwifame – BQO

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) –Naannoo Oromiyaatti misooma jallisii marsaa 1ffaan hanga ammaatti lafti hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 29 fi 159 sanyii Qamadiin uwwifamuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Hojii misooma jallisii bara kanaa boqonnaa qophiirraa eegalee qooda fudhatoota mariisisuufi leenjii kennuu dabalatee, galtee qonnaa dhiyeessuurratti hojjetamuu eerameera.

Naannoo Oromiyaatti barana jallisii marsaa lamaan lafa hektaara miiliyoona 1 misoomsuuf karoorfame keessaa yeroo ammaa marsaa 1ffaan lafti hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 77 ol qotamuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti, Daayrektarri Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen himaniiru.

Lafa hanga ammaatti qotame keessaa hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 2 fi 844 tiraakteraan qotamuu eeraniiru.

Hanga ammaattis lafti hektaarri kumni dhibbi 1 fi kumni 29 fi 159 sanyii Qamadiin uwwifamuu dubbataniiru.

Oromiyaatti bara kanaa Qamadii Jallisiin misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 38.5 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Musxafaan himuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment