Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC) –Jallisii irratti xiyyeeffannoo taasifneen qonni Oromiyaa seenaa biyya keenyatti fuula haaraa uumuu danda’eera jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis qonna jallisii ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Qonni keenya guutummaan hirkattummaa roobaa jala turuun isaa yaadannoo waggoota dhihooti. Akka Oromiyaatti waggoota jaha dura lafti waliigalaa jallisii oolu hkt. kuma 400 kan hincaalle ture.
Jijjiiramaa as mootummaan gaaffii ummataa gama hawaas-dinagdeen jiru hundeerraa furuuf tarkaanfii fudhateen jijjiiramni qabatama argamaa jira.
Waggoottan darban qabeenya bishaanii qabnu fayyadamuuf pirojektoota jallisii irratti xiyyeeffannoo taasifneen qonni Oromiyaa seenaa biyya keenyatti fuula haaraa umuu danda’eera.
Gama kanaan, misooma qamadii bonee addatti kaasuu dandeenya. Bara 2011 facaasaa qamadii bonee lafa hekt. 7,000’n irratti kan eegalle yoota’u, bara 2016 lafa hekt. mil. 2.8 irraan gahuu dandeenyee turre. Bara 2017 kanatti ammoo muuxannoo waggoota darbanii qindeessuufi qophii lafjalee baldhaa taasisuun, lafa hkt. mil. 4 irratti qamadii bonee misoomsuuf karoorsinee hojjataa jirra; hanga ammaatti lafti hekt. 3 ol qamadiin uwwifne sadarkaa adda addaa irratti argama.
Raawwii inisheetivii qamadii boneetiin, fedhii gabaa qamadii heddu barbaadaa ture guutuufi wabii nyaataa foyyessuu cinaatti, dargaggeeyyii hedduuf carraa hojii baldhaa umnee jirra.
Akkasumas, indastrii biyya keessaafi alaatif galtee qamadii qulqullina isaa eeggate dhiyeessuu dandeenyerra.
Sochiin inisheetivii misooma qamadii bonee kun daandii milkaa’inaa qabatus caalmaatti waaressuufi ittifufaa gochuuf sirna taasisuu kan gaaffatudha. Bu’uuruma kanaan, caasaan keenya dhimmoota sadi irratti gama kanaan akka fuulleffatu yaadachiisun barbaada:
Tokkoffaa, inisheetiviin qamadii bonee idilaa’ee ofiin akka socho’uuf hoggansi giddu-sentuummaa tarsiima’aa taasisuu qaba.
Lammaffaa, milkaa’ina karoorafi raawwii hanga ammaa jiru dilbii qabnu giddugaleessa kan taasisee waan hintaanef, carraa gama lafaafi bishaanitiin qabnu beekumsaafi tekinoolojiin dabaluun dilbii Oromiyaa gahumsa olaanaan duguugnee akka fayyadamnuuf hoggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannoo sochoosuu qaba.
Sadaffaa, garaagarummaa oomishtummaa baldhaa idil-addunyaa waliin qabnu dhiphisuu irratti ariitiin hojjechuudha.
Kana gochuuf, aadaa hojii baramaafi mala qonna keenyaa hundeerraa cabsuun qonnaa keenya ammayyeessuutu nurra jiraata; makanayizeshiniifi teknoolojii jallisii haaraa bal’inaan madaqsaa deemuun dirqama ta’a.
Kun garaagarummaa oomishtummaa hirdhisaa deemuun fayyadamummaa keenya sadarkaa idil-addunyaatti kan mirkaneessufi cehumsa dhugoomsuuf kan gargaaru ta’a.
Bu’uuruma kanaan, bulchiinsa bishaanii, eegumsa biyyee, tamsa’ina ogummaa, dhiyeessii paampii, sanyii filatamaa, callaa guggistuu, tajaajila eksitenshiniifi ijaarsafi suphaa iskiimota jallisii irratti baldhinaan hojjetamuu qaba.
Walumaagalatti, waggoottan darban gama misooma inisheetivii qamadii boneetin bu’aalee gaggaarii hawaasa keenya fayyadamoo taasisan umnee jirra.
Xurree milkaa’inaa kana arguu keessatti, gaheen qonnaafi horsiisee bultoota, akkasumas dargaggeeyyii keenya olaanaa ta’uu ragaa bahuun barbaada.
Fuldurattis sabboontota gochaa kan ta’an, qonnaafi horsiisee bultoota, akkasumas dargaggeeyyii keenya waliin galma badhaadhinaa qabame tokkummaan dhugoomsuu akka dandeenyu amantaa guutuun qaba.
#Oromiyaa #Ethiopia