Jallisii Boneen hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 450 ol sanyiin uwwifamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2015 (FBC) – Qonna Jallisii Bonee Bara kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 450 ol sanyiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Bara oomishaa kana fedhii biyya keessaa qofa osoo hin taane gabaa alaaf dhiyeessuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Hojii raawwachiisaan garee misooma midhaanii Isaayyaas Lammaan ibsaniiru.

Lafa hektaara miiliyoona 1.3 Jallisii Boneen Qamadii misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 52 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 800 qotamuu fi hektaarri kumni 450 ammoo sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.

Bara kana naannolee kana dura hojiin misooma jallisii keessatti hin baramne dabalatee naannolee hunda keessatti hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment