Jaallatamummaa buna Itiyoophiyaa cimsuuf xiyyeeffannan hojjetamuu akka qabu akeekame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2016 (FBC)- Buna Itiyoophiyaa addunyaarratti jaallatamummaa fi filatamummaan qabu akka itti fufuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu akka qabu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen akeekan.

Bu’aa olaanaa daldala alaa bunaatiin galmaa’aa jiruun utuu hindagamne daran hojjechuu akka barbaachisuu eeran.

Dooktar Girmaa Amanteen, gama qabeenya qilleensaa mijataa, lafa bal’aa fi qabeenya humna namaan Itiyoophiyaan carraalee hedduu akka qabdu kaasaniiru.

Damichaan hojmaata baratame hordofaa jirru keessaa utuu hinbaane adeemsa addaa hordofuun akka barbaachisus ibsaniiru.

Hojmaata ammayyaa’aa fi teeknooloojiin deeggarame diriirsuun qulqullinaaf xiyyeeffannaa addaa kennuun oomishaalee sonni itti dabalame gara alaatti erguun galii biyya keessaa guddisuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Gufuulee jiraaniin abdii kutachuu utuu hintaane gara carraattii jijjiiruun, qaamolee dhimmichi ilaallatu damicharratti bobba’an irraa gahee eegamu ta’uu yaadachiisaniiru.

Dooktar Girmaan sochii hojiilee giddugala leenjii Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa daawwachuu ragaan abbaa taayiticharraa argame ni mul’isa.

Giddugalli leenjichaa indaastirii bunaa guddisuu fi hanqina humna nama baratee damichaa ture hambisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu amantaa qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment