Jala bultiin kabaja ayyaana saba fi sablammoota 16ffaan Dirree Dawaatti kajamu itti fufeera

Finfinnee, Sadaasa 28, 2014 (FBC)- Jala bultiin kabaja ayyaana saba fi sablammoota uummattoota Ityoophiyaa 16ffaan magaalaa Dirree Dawaatti kajamu itti fufeera.

Qophicharratti Afa Yaa’iin Mana Maree Federeshinii obbo Aaganyahu Tashaagaar dabalatee hooggantoonni hojii mootummaa biroon, preezdaantoonni naannolee, ambaasaddaroonni Jibuutii, Somaaliyaa, Ertiraa, Keeniyaa fi Sudaan Kibbaa argamaniiru.

Guyyaa boruu magaalaa Dirree Dawaatti kan kabajamu guyyaan sabaa fi sablammoota 16ffaarratti Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee, itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokkonniin hoggantoonni olaanoon naannolee ni argamuu jedhameera.

Tsaggaayee Wandasantuu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment