Jala Bultiin Irreecha Malkaa Asoosaa marii Paanaalii fi sagantaalee garaagaraan kabajamaa jira

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Jala bultiin Irreecha Malkaa Asoosaa Marii Paanaaliifi sagantaa garagaraatiin magaalaa Asoosaatti kabajamaa jiraachuu ibsameera.

Irreechi ayyaana araara, dhiifamaa fi nageenyaa ta’uusaatiin, tokkummaa Itiyoophiyaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Kantiibaan Magaalaa Asoosaa Obbo Abdulrahiim Abdulkariim ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qindeessaa Nageenyaa fi Misooma Waloo Naannoo Beenishaangul Guumuz, Gambeellaa fi Oromiyaa Firoomsaa Solomoon, Kaayyoon sagantaa kanaa tokkummaa fi obbolummaa sabaa fi sablammoota waliin jiraatuu cimsuudha jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa hariiroo naannolee ollaa cimsuuf hojii bal’aa hojjachaa jiraachuu Obbo Firoomsaan eeraniiru.

Mallattoo jaalala, araara, obbolummaa, dhiifama fi nageenya kan ta’e Irreecha, waliin kabajuuf carra argachutti gammanneerra jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz Geetahun Abdiisaan.

Af-Yaa’ii Mana Maree Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz DooktarTamasgeen Deessiisaa, Hogganaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannichaa Isaaq Abdulqaadir dabalatee, qondaalonni mootummaa olaanoo fi hawaasni naannolee lameenii sirna kanarratti argamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment