Jala bultiin Ayyaana Cuuphaa (Kataraa) sirnoota garaagaraatiin kabajame

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Jala bultiin Ayyaana Cuuphaa (Kataraa) Finfinnee dabaltee magaalotaa garagaraatti haala duudhaa amantaa isaa eeggateen kabajameera.

Haaluma kanaan Magaalaa Finfinnee Hurfa Boombii (Jaanmeedaa) sirna ho’aan kabajameera.

Sirna kabaja Kataaraa kanarratti Paatiriyaarkiin Mana Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaas, abbooti amantaa, hordoftoonni, jiraattoonni Magaalaa Finfinnee hirmaataniiru.

Haaluma walfaakkaatuun Magaalaa Baatuu Haraa Dambaalirratti sirni kataraa bifaa addaan kabajameera.

Dabalataanis, Magaalota Godinaalee Naannoo Oromiyaa fi magaalota guguddoo biyyattii fi bakkoota garaagaraatti kabajameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment