“Jafora”: Koridarii Magariisa

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2017 (FBC)-“Jafora” jechuun naannawaa Guraageetti aadaa magariisummaa daandii bahumsaa fi galumsaa jiraattota naannawichaa misoomsanii kunuunsuuti.

Daandii kun magariisa, coqorsa waan uffateef ijatti miidhagaa, sadarkaa mandaraa “Jafora” qabuus kan guddisu, bakka boqonnaa jaarsolii, daandii taphaa daa’immanii, qabbana faanaa isa irra imaluutis.

Akka jaarsoliin naannawichaa ibsanitti, “Jafora”, dhaloonni darbee wayita hundeessuu sochii daldalaan hedduun waan tureef, miidhagina galumsaa fi ba’umsaa isaanii giddugaleeffachuun kan hojjetameedha.

“Jaforaan” daandii bahumsaafi galumsaa bal’isuudha.

Waan hawaasni naannawichaa itti amanee hojjechuuf murteesse keessatti hunduu kan hirmaatu yoo ta’u, kanneen murtee didan ammoo gorfamuun akka hojichaaf gumaachan taasifama.

Yoo miidhames bakki bakka bu’uuf akka kennamuuf taasifama malee misooma dhorkuun akka aadaa Guraageetti safuudha jedhu Jaarsi Biyyaa Obbo Agaaz Tizaazuun.

Abbootiin aadaa kana babal’isan gaarumma fuulduratti qabaatu hubatanii kan hojjetan ta’uu himanii, hawaasni waan gaarii hojjechuun itti himamee miti ofii dursee beekee hojjechuu qaba jedhu.

Mandara “Jaforaan” jiru, mandara “Jaforaan” hinjirreef fakkeenya ta’uun hawaasni mandara biraas hojjechuuf kan kaka’uudha.

Magariisummaa isaa eeggatee akka turuu fi qulqullinni isaa akka eegamuuf hawaasni dirqma kan qabuudha.

Fakkeenyaaf bineensonni halkan lafa qotan yoo “Jafora” qotan, namni naannawa lafa qotamee jiraatu yookaan kan dursee arge dirqama biyyee itti deebisee kunuunsuu qaba.

Yookaan namni fardaa yaabee imalaa jiru “Jafora” qortame arge, fardaa isaarraa bu’ee akka qeeqatti “Namni mandara kana hinjiru?” jechaa hanqina arge qajeelcha jedhu.

“Jaforaan” Koridarii Magariisa aadaa daandii imaltootaa bal’isuun, naannawaa miidhagaa, jiraattotaaf naannawaa jireenyaaf mijata uumuudha jechuu dandeenya.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment