Jaarmiyaaleen Dargaggoota Oromiyaa godinaalee hongeen miidhaman deeggaruuf waamicha dhiyyeessan

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) –  Jaarmiyaaleen Dargaggoota Oromiyaa godinaalee hongeen miidhaman deeggaruuf waamicha dhiyyeessaniiru.

Hawwaasa rakkoof saaxilamee  qaqqabuuf koreewwaan garaagaraa   hundeessuun hojiin eegalamuu ibsaniiru.

Jaarmiyaaleen Liigii dargaggootaa, Federeeshinii Dargaggootaa fi Waldaan Dargaggoota Oromiyaa Mootoo ” Birrii 200 Hawaasa Keenya Hongeen Miidhameef” jedhuun Birrii miiliyoona dhibba 1 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Itti gaafatamtuun Siyaasaa Liigii Dargaggoota Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa aadde Roozaa Biyyaa dargaggoonni keenya birmadummaa biyyaa kabachiisuu keessatti qooda olaanaa akkuma ba’an hawaasa hongeen miidhame deeggaruu keessattis akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment