Jaappaan xiyyaarotaa fi doonii  waraanaa gara Baha giddugaleessatti erguufi

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Jaappaan Xiyyaarotaa fi Doonii  waraanaa gara Baha giddugaleessatti erguuf jetti

Jaappaan dooniwwaan daldalaa isheerraa miidhaa eeguuf doonii fi xiyyaarota sakkata’insaa gara Baha giddugaleessatti erguuf akka jettu dhaga’ame.

Waldhibdeen Baha giduugaleessa Jaappaan akka yaadessaa jirutu himame.

Dubbiin himaan mootummaa Jaappaan akka ibsanitti biyyattin waggaatti gaazii hin calalamiin bittu keessaa %90 kan argattu naannoo kanaati jedhan.

Muummeen Ministira Sheenzoo Abee bu’uura murtee kaabineen dabarseen doonii waraanaa heliikoopteroota baataanii fi xiyyaroota sakkata’insa P-3C jedhaman sadi gara naannichatti ni ergamu jedhaniiru.

Balaan tasaa yoo mudate naannichatti kan ergamaan doonii fi xiyaaronni Jaappaan tarkaanfii akka fudhatan ministeerri raayyaa ittisaa ajaja dabarsaniiru.

Maddi:- Reewutars

 

Comments (0)
Add Comment