Jaappaan milkaa’ina marii biyyaalessaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Jaappaan milkaa’ina marii biyyaalessaa Ityoophiyaaf deeggarsa taasistu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri biyyattii Iitoo Taakaakoon ibsan.

Mootummaan Jaappaan konkolaattota Birrii miiliyoonni 7 itti baasii ta’an 2 marii biyyaalessaaf kan oolan gama Yuuniivarsiitii Finfinneen deeggarsa taasisuu eerameera.

Mootummaan Jaappaan piroojektoota garaagaraa misooma waaraa Ityoophiyaaf oolan hojiirra oolchuun deeggarsa taasisaa jiraachuu eeruun, deeggarsichi cimee kan itti fufu ta’uu Ambaasaaddar Iitoon ibsaniiru.

Marii biyyaalessaarratti kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun waliigaltee biyyaalessaafi nageenya waaraa uumuuf tattaaffii taasifamu Jaappaan kan deeggartu ta’uu kaasaniiru.

Kanuma hordofee komishinii marii biyyaalessaafi kutaalee hawaasaa maricharratti hirmaataniif kan oolan konkolaattota lama deeggarsa taasisuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment