Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Jaappaan Ityoophiyaatti tattaaffii mootummaan misoomaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf taasiisu kan tumsitu ta’uu beeksisfte.
Piroojektiin misoomaa hawaasummaa fi walitti dhufeenya jiraattota Godina Geede’oo fi Godinaalee Gujii cimsan har’a ifoomeera.
Piroojektichi deeggarsa Maallaqaa Mootummaa Jaappaanirraa argame Birrii miiliyoona 83 waggoota sadan itti aanan hojiirra kan oolan ta’uu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Taakaakoon ibsaniiru.
Ityoophiyaatti misoomaa fi nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiilee hojjetaman mootummaan Jaapaan kan tumsu ta’uu Ambaasaaddar Ittoon himuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.