Finfinnee, Bitootessa 18, 2017 (FMC) – Mootummaan Jaappaan Oomishtummaa Qonnaa Itiyoophiyaa deeggaruuf xaa’oo Yuuriyaa kuntaala kuma 63 ol deeggarsa taasise.
Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Soofiyaa Kaasaan deeggarsichi oomishtummaa qonnaa dabaluuf akka gargaaru kaasuun, kaayyoo barbaadamerra akka ooluuf hordoffiifi deeggarsi kan taasifamu ta’uu ibsan.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shiibiitaa Hiiroonooriin gamasaaniin, mootummaan Jaappaan imala misoomaa Itiyoophiyaa dameewwan garagaraan deeggaraa jiraachuu kaasaniiru.
Keessumaa dameewwan qonnaa, bu’uuraalee misoomaa, indaastirii, barnootaafi fayyaan jiruufi jireenya lammiilee fooyyessuuf deeggarsi taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawu, deeggarsa gama maraa mootummaan Jaappaan misooma Itiyoophiyaaf taasisuuf galateeffachuun, deeggarsi akka kanaa hariiroo gam-lamee biyyoota lameenii kan cimsan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia