‘Jaan Meedaa’n ayyaana Cuuphaaf qophii akka ta’u tumsa bulchiinsi magaalaa taasise Manni Amantaa Tawaahidoo Ortodoksii galateeffate

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC) – ‘Jaan Meedaa’n ayyaana Cuuphaaf qophii akka ta’u tumsa bulchiinsi magaalaa taasise Manni Amantaa Tawaahidoo Ortodoksii galata dhiyeessera.
Itti Aantuu Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas akkasumas, miseensoonni sinoododii qulqulluu ‘Jaan Meedaa’ daawwataniiru.
Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas bulchiinsi magaalaa Finfinnee ‘Jaan Meedaa’n ayyaana Cuuphaaf akka ga’uuf bu’uuruma waadaa galameen sadarkaa kana ga’ee arguu isaanitti gammaduu ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment