Finfinnee, Sadaasa 10, 2015 (FBC) –Jaalala biyyummaa dursuun Ityoophiyaa tajaajiluu qabna jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen.
Pireezidaanti Saahilawarqii fi Pireezidaantiin duraanii FDRI Dooktar Mulaatuu Tashoomaan Akkaadaamii hoggansaa Afrikaatti argamuun dippiloomaatoota giddu galeessaa fi buleeyyiif muuxxannoo isaanii qoodaniiru.
Waangaarii hojjechuun hojii ijoo dippiloomaasii ta’uu kaasaniiru.
Dippiloomaasiin haala kamuu keessatti hariiroo gaariirratti hundaa’uu qaba jedhan.
Jaalala biyyummaa dursuun Ityoophiyaa tajaajiluu murteessaa ta’uu hubachiisuun, aadaa hojii hirmaachisaa shaakaluun dubartoota damee hundaan ga’oomsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.