Jaal Sanyii Nagaasaan Hidhattoonni Bosonatti hafan Waamicha nageenyaa ummanni bal’aan taasiisaa jiran akka fudhatan gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 27, 2017 (FMC) –Jaal Sanyii Nagaasaan MIseensonni WBO Bosonatti hafan Waamicha nageenyaa abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi ummanni bal’aan taasiisaa jiran akka fudhatan gaafataniiru.

Qondaaltoonni Waraana Bilisummaa Oromiyaa waliigaltee nageenyaa taasiifame booda daawwannaafi adeemsa jiru ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Filannoo nageenyaa fudhachuun gamnummaa fi beekumsaa ta’uu Hogganaa Olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Giddugaleessaa kan turan Jaal Sanyii Nagaasaan ibsaniiru.

Waliigalteen Araaraa taasiifame akkaataa waliigalteen hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

Adeemsichi akka milkaa’u tumsa mootummaan naannoo Oromiyaa, ummanni naannichaa fi Raayyaan Ittisaa taasiisan galateeffataniiru.

Hidhattoonni Bosonatti hafan miidhaa ummatarra gahaa jiru hubachuu akka qaban ibsaniiru.

Waamicha nageenyaa abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi ummanni bal’aan taasiisaa jiran akka fudhatan gaafataniiru.

Hojiileen misoomaa magaalaa Finfinnee fi magaalota Oromiyaatti hojjetamanii fi hojjetamaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment