Finfinnee, Waxabajjii 17, 2015 (FBC)- ‘USAID’ fi Sagantaan Nyaataa Addunyaa deeggarsa Ityoophiyaaf taasisan sababa yeroof addaan kutaniif Koreen Teekinikaa dhimmicha qoratu hundaa’ee hojiitti seenuun ibsame.
Ministir Deetaan Ministeera Tajaajila Kominikeeshini Motummaa Salaamaawwit Kaasaa ibsa kennaniin, Sagantaan Nyaataa Addunyaa fi ‘USAID’ deeggarsa Ityoophiyaaf taasisaan yeroof addaan kutuu yaadachiisaniru.
Kana hordofees mootummaan dhababilee kanneen waliin hanqinaalee jiru jedhaman fooyyessuu fi gochaan seeraan alaa raawwatame yoo jiraate qorachuun tarkaanfii seera fudhachuuf qophii ta’uu beeksiisuu eeraniiru.
Dursumaa Komishinii Hoggansaa Sodaa Balaan, bakka bu’oota dhaabbilee kallattiin dhimmicha waliin hidhata qaban kan hammate akkasuma tumsitoota deegarasa namoomaa miseensummaan kan hammate koreen teeknikaa hundaa’ee hojii eegaluun ibsameera.
Korichis yaadaa furmaataa garaagaraa dhiyeessaa, dameewwan fooyya’iinsa hojmaataa arbaachisu addaa baasuun marii bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.
Korichis deegarsa namoomaa hatattamaa, sagantaa seeftiineetii fi deeggarsa namoomaa godaantotaaf dhiyeessuu fi raabsaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuun eerameera.
Haaluma kanaan bu’aan galmaa’aa jiraachuu eeruun, dhiyeenyattis korichi bu’aa irra ga’e kan ifoomsu ta’uu himaniiru.
Feeven Bishaawuutu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.