Ityoophiyaatti yeroo jalqabaaf tajaajilli ramaddii dhaddacha daldalaa fi invastimantii ifatti hojii eegale

Finfinnee, Fulbaana 29, 2015 (FBC) – Manni Murtii sadarkaa 1ffaa Federaalaa yeroo jalqabaaf tajaajila ramaddii dhaddacha addaa daldalaa fi invastimantii hojii eegalchiiseera.
Dhaddachichi kutaa magaalaa Araadaa Piyaassaa Gamoo mana maree Biriitish irratti hojii eegaleera.

Sirnichaarratti pireezidaantii Mana Murtii Waliigala Federaalaa Aadde Ma’aazaa Ashanaafii fi Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon biroo argamaniiru.

Manni Murtii daldalaa fi invastimantii hundeeffamuun, rakkoolee daldalaa fi invastimantiirratti mul’atan saffisaan furmaata akka argatan gahee olaanaa qaba jedhame.

Pireezidaantiin Mana Murtii sadarkaa 1ffaa Federaalaa jalqabaa obbo Fu’aad Kiyaar, manni murtii dhaddacha daldalaa fi invastimantii hundaa’uun hojii bizinasii mijataa gochuu keessatti iddoo olaanaa qaba jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment