Ityoophiyaatti wixineen labsii teeknooloojii daldala elektirooniksii hojiirra ooluufi

Finfinnee, Eebila 28, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti sadarkaan teeknooloojii irra ga’ame sirna daldala elektirooniksii jalqabsiisuuf kan dandeessisu ta’uu ministirri Ministeera Innooveshiinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.
 
Wixinee labsii daldala elektirooniksii qophaa’e ilaalchisee koree dhaabbii humna namaa fi dhimmoota teeknooloojii mana maree bakka bu’oota uummataaf ibsi taasifameera.
Wixinee labsii kanarratti qaamoolee dhimmi ilaallatuu fi ogeeyyii seeraa waliin marii bal’aan gaggeeffamu himameera.
 
Yaadonni maricharraa argamanis wixinichaaf galtee ta’uu isaanii Dooktar Abrahaam ibsaniiru.
 
sirni daldala elektirooniksii kun bilbila socha’oo fi meeshaalee walfakkaatan dabalatee koompiiyuutaraan gargaarramuun hojii odeeffannoo raawwachuu kan dandeessisuudha jedhame.
 
Yeroo ammaatti bu’uraaleen misooma teeknooloojii guutummaatti guuttamuu baatus humna jiruun sirna daldalaa kana eegaluun cimsaa deemuun murteessadhan jedhan Ministirich.
 
Labsiin kun seera tajaajilaa fi daldalaa kana dura tureef teeknooloojiin beekkamtii laachuudha malee seeraa haaraa miti jedhame.
 
Tajaajilmtoonni iddoo jiraniitti tajaajila barbaaddan akka argataniif kan gargaaruudha jedhan Dooktar Abrahaam.
 
Guddina diinagdee ariifachiisuuf teeknooloojii kana hatattamaan hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment