Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa saffisaan babal’achuu itti fufeera

Finfinnee, Hagayya 22, 2012 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin namoonni dabalataa 1,186 vaayrasii koroonaatin qabamuun isaanii mirkanaa’era.
 
Sa’aa 24 kaleeessa darbeen qorannaan laabraatoorii samuudaa 18,060 kan gaggeeffame yoo ta’u, namoota 1,186 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Kaleessa lakkoofsi namoota lubbuu isaanii dhabanii 20 yoo ta’an, waliigala lubbuu namoota 745 darbeera.
 
Haaraan kan dandamata 518 yoo ta’an, waliigalaan lakkoofsi namoonni dandamatanii 16,829.
 
Ityoophiyaatti qorannaadhan namoonni vaayrasichi irratti argame 46,407 qaqqabeera.
 
Namoonni 330 hordoffii yaala cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo amma vaayrasichi namoota 28,831 irratti argama.
 
Waliigalaan qorannaan laabraatoorii 831,470 gaggeeffameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment