Ityoophiyaatti Weerarri vaayrasii koroonaa Deeltaa miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti Weerarri vaayrasii koroonaa Deeltaa miidhaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsaniiru.
 
Weerarichi babal’achuu isaanii lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii, wallaansi yaala cimaa keessa galanii fi lubbuu dhabanii dabalaa jiraachuu Dooktar Darajjeen Faanaa Broodkaastingi Korporeetiif himaniiru.
 
Hojiin ittisaa fi of eeggannoo taasiifamu dagatamaa dhufuu isaan Vaayrasiin Koroonaa Deeltaan haalan babal’achaa dhufuu ibsaniiru.
 
Guyyaa kaleessaa qofa lubbuun namoota 38 darbuu fi namoonni 750 ammoo wallaansa yaala cimaa keessa galuu isaanii himaniiru.
 
Guyyaa 7 keessatti lubbuun 182 darbuu ibsaniiru.
 
Dagannaan yeroo ammaa jiru haala kanaan itti fufe taanaan miidhaa hammataan qaqqabuu akka danda’u Dooktar Darajjeen dubbataniiru.
 
Hawaasnii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi weeraricha ittisuuf qooda irraa eegamu ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
 
Tigist Silashiitu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment