Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa namoota lamarratti dabalataan argame

Finfinnee, Eebila 23, 2012 (FBC) – Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii namoota 912 taasifameen, namoonni 2 vaayrasii koroonaatiin qabamuun mirkanaa’era.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti amma ammaatti qorannaawwan laabraatoorii namoota kuma 18 fi 754f gaggeeffameera.

Qorannaa laabraatoorii samuudaa 912 sa’aa 24 keessatti gaggeeffame kanaanis vaayrasichaan namoonni qabaman lamaanuu lammiilee Ityoophiyaa ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 133 qaqqabeera.

Inni tokko nama umrii waggaa 25 Keeniyaa dhufuun iddoo tursa dirqii Mooyaalee keessa kan ture yoo ta’u,inni 2ffaan ammoo nama umrii waggaa 20, Puuntilaandii dhufuun iddoo tursa dirqii Jigjigaa keessa kan turee ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaan himaniiru.

Namoonni lamaanuu tuttuqa hin qaban.

yeroo ammaa namoonni Vaayrasichaan qabamanii yaala tursa addaa keessa kan jiran 62 yoo ta’an,wallansa hordoffii cimaa keessa namni jiru hin jiru jedhame.

Namoonni haaraan 7 vaayrasicharraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 66 qaqqabaniiru.

Kanaan dura namoonni 3 vaayrasichaan lubbuu isaanii yoo dhaban, 2 gara biyya isaaniitti deebi’uun ni yaadatama.

Koreen ministirootaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf hunda’e raawwii hanga ammaa bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamaa jiraachus ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment