Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota 4 irratti argame

Finfinnee, Eebila 8, 2012 (FBC)- Ityoophiyaatti sa’aa 24 darbetti namoota 842 qorannaan laaboraatoorii taasifameef keessaa namoonni 4 vaayrasichaan qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa beeksisaniiru.

Namoonni vaayrasichi irratti argame arfanuu lammiilee Ityoophiyaati jedhan.

Inni 1ffaa nama umrii waggaa 22 Dubaay dhufuun iddoo tursiisa addaa keessa ture yoo ta’u, Isheen 2ffaan dubartii umrii waggaa 52 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabduudha jedhame.

Inni 3ffaan nama umrii waggaa 52 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabuu fi jiraataa magaalaa Bahaar Daar ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Isheen 4ffaan dubartii umrii waggaa 23 jiraattuu magalaa Addis Qidaam/naannoo Bahaar Daar yoo taatu, seenaan ishee qoratamaa jira jedhame.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 96 ga’eera.

Namoota vaayrasiin kun irratti argame keessa namoonni 15 yoo dandamatan, namoonni 76 ammoo yaalarratti argamuu isaanii Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Namni tokko dhukkuba lubbuutti jira argame jedhan.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment