Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota 16 irratti yoo argamu, namni 1 ammoo lubbuun darbe

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti vaayrasiin koroonaa dabalataan namoota 16 irratti yoo argamu, namni 1 ammoo lubbuun darbeera.

Qorannaa laaboraatoorii sa’aa 24 darbe keessatti samuudaa namoota 2383 taasifameen namoonni 16 vaayrasii koroonaatin qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni vaayrasichaan qabaman 210 qaqqabaniiru.

Namoonni guyyaa har’aa vaayrasichaan qabamuu mirkaa’ee kunneen lammiilee Ityoophiyaa yoo ta’an, namni 2 seenaa imala biyyaa kan qaban yoo ta’u, namoonni 13 ammoo tuttuqaa kan qabanidha.

namni 1 ammoo seenaa imala biyyaa alaa kan hin qabnee fi nama vaayrasichaan qabame waliin hariiroo kan hin qabnedha jedhameera.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti namoonni 13 jiraattoota magaalaa Finfinnee yoo ta’an, namni 1 Naannoo Amaaraa bakka tursiisa waldiyaa keessaa, 2 ammoo Naannoo Kibbaa bakka tursiisa Walaayittaa Sooddoo fi Godina Guraaggee magaalaa Buttaa jiraa keessa kan jiranidha jedhan.

Namoonni haaraan 2 dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’uu, waliigala namoonni dandamatan 97 ga’aniiru.

Namoonni 106 ammoo yaalarratti kan argaman ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Guyyaa har’aa namni 1 vaayrasichaan lubbuun darbeera.

Hanga ammaattis qorannoowwan laabraatoorii 32,689 gaggeeffamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment