IItyoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaarraaa dandamatanii 41 ga’eera

Finfinnee, Eebila 18, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii sa’aatii 24 darbe keessatti namoota 957 taasifameen nama 1 irratti dabalataan vaayrasichi argamuu isaa Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisaniiru.

Dooktar Liyaan waliigalaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 123 qaqqabuu beeksisaniiru.

Har’a vaayrasichaan kan qabame lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 30 fi jiraataa magaalaa Jigjigaa yoo ta’u , Puuntilaand irraa kan dhufeefi tursiisa addaa keessa kan tureedha jedhaniiru.

Hanga ammaatti waliigala namoonni vaayrasicharraa dandamataan 41 ga’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment