Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) –Lammiileef tajaajila si’ataa laachuuf Ityoophiyaatti sadarkaa tajaajila elektirooniksii idil addunyaa fooyyesuuf dandeettii yuunivarsiitiiwwanii fayyadamuu akka qabu ibsameera.
Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Finfinnee dabalatee qorannoo qophii tajaajila elektirooniksii magaalotaa fi yuunivarsiitiiwwanii 5 dhiyeesseera.
Magaalaa Finfinnee, Dirree Dawaa, Baahir Daar, Hawaasaa fi Adaamaa akkasumas, yuunivarsiitiwwan magaalichatti argaman sadarkaa irra jirtan qoratamuun hanqinni isaanii adda baheera.
Magaalonni hundi hanqina bu’uuraalee misoomaa fi ijaarsa dandeettii qabaachuun adda baheera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.