Ityoophiyaatti sababa dhibee TB’n guyyaatti lubbuun namoota 57 ni darba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti sababa dhibee TB’n guyyaatti lubbuun namoota 57 akka darbu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministeerichi sababa dhibee TB’n Ityoophiyaatti guyyaa guyyaan namoonni 57 lubbuun isaanii kan darbu yoo ta’u, sa’atii 1 keessatti namoonni 2 lubbuusaani kan dhaban ta’u himeera.

Ministeerichi dhibee TB to’achuu fi ittisuurratti hojiileen hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessa kan argaman ta’us, ammaas rakkoleen xiyyeeffannoo barbaadan jiraachuu ibseera.

Namoonni dhibeen TB irratti argama jedhamee yaadamu % 29 gara dhaabbata fayyaa kan hin deemne ta’uu fi ilbisoonni dawwaa TB’n wal baran uumamun ibsame.

Guyyaan TB akka addunyaatti yeroo 39ffaa akka Ityoophiyaatti immoo yeroo 24ffaaf yaadatama jira.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment