Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaan qabaman keessaa tokko dandamate

Finfinnee, Bitootessa 19, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaan qabaman keessaa tokko guutumaan guutuutti fayyuu isaa himame.
 
Ityoophiyaatt namoota vaayrasii koroonaan qabaman 16n keessaa tokko guutumaan guutuutti fayyuu isaa Ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan beeksisan.
 
Dooktar Liyaan Fuula Feesbuukii isaaniin akka ibsanitti yeroo ammaa waliigala namoonni dhibichaan qabaman 13 iddoo yaala addaatti hordoffiirra jiraachuu himaniiru.
 
Namoonni dhibichaan qabamanii iddoo tursiisa addaa keessa jiran hundi isaanii haala gaarirra akka jiranis Dooktar Liyaan ibsaniiru .
 
Ityoophiyaatti namoota dhibichaan qabaman 16n keessa lammiileen Jaappaan lama gara biyya isaanii deebi’uun isaanii kan yaadatamuudha.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment