Ityoophiyaatti namoota dabalataa sadirratti vaayrasiin koroonaa argame

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) –Ityoophiyaatti namoota dabalataa sadirratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Lakkoofsi namoota vaayrasicharraa dandamataniis 14 qaqqabeera.
 
Ityoophiyaatti sa’aa 24 darbetti namoota 247 qorannaa laabraatoorii taasifameera.
 
Isaan keessaa sadirratti vaayrasichi argamuu ministeerri Fayyaa beeksiseera.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan akka beeksisanitti amma ammaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamani 74 qaqqabeera.
 
Namoota sadan haaraa vaayrasichaan qabaman keessaa 2 dhiira yoo ta’an, namoota kanaan dura vaayrasichaan qabaman waliin tuttuqqii qabaachun isaanii hin baramne.
 
Takka dubartii waggaa 23 yoo taatu, nama vaayrasichaan qabame waliin tuttuqqii akka qabdu barameera.
 
Ityoophiyaan amma ammaatti namoota 4,110 qorannaa laabraatoorii vaayrasii koroonaa taasisteetti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment