Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 3 dabalataan argaman

Finfinnee, Eebila 7, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti sa’aa 24 darbetti namoota 431 qorannaan laaboraatoorii taasifameef keessaa namoonni 3 vaayrasii kanaan qabamuu isaanii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Sadanuu jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu ibsameera.

Inni 1ffaan nama umrii waggaa 43 Ameerikaa dhufuun iddoo tursiisa addaa keessa tureedha jedhame.

Inni 2ffaan nama umrii waggaa 30 yoo ta’uu tuttuqaa qabaachuun ibsameera.

Inni 3ffaanis nama umrii waggaa 24 namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa kan qabu ture jedhame.

Lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 85 ga’uu isaanii Dooktar Liyaan himaniiru.

Namoonni 15 ammoo dhibicharraa bayyanataniiru jedhan.

Yeroo ammaa namoonni dhibichaan qabaman 65 yaalarratti kan argaman ta’uus himaniiru.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment