Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 16 ga’an

Finfinnee, Bitootessa 18, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 16 ga’an.
 
Guyyaa har’aa namoonni 4 vaayrasichaan dabalataan qabamuu isaanii Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksisera.
 
Namoonni guyyaa har’aa qabamuun isaanii mirkanaa’e:-
1.Lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 61 jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u namoota alaa dhufan waliin tuttuqaa nama qabuudha.
2. Lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 28 kan taate Isiraa’eelii kan dhufte,
3.Lammii Ityoophiyaa umrii wagaa 24 kan taate namoota kanaan dura qabaman waliin tuttuqaa kanqabdu,
4. Lammii Mooriisheet umrii waggaa 72 Koongoo Braazaaviilii kan dhufeedha jedhame.
Namoonni kunneen iddoo tursiisa addaa keessa galuun hordoffiin taasifamaafii kan jiru yoo ta’u, namoota isaan waliin tuttuqaa qaban 37f hordoffiin taasifamaa jiraachuu ragaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyarraa argame ni muul’isa.
Comments (0)
Add Comment