Ityoophiyaatti namoonni vaayrasicharraa dandamatan 50 ga’an

Finfinnee, Eebila 19, 2012 (FBC) – Qorannaa laabraatoorii samuudaa 943 irratti sa’aa 24 darbe keessatti gaggeeffameen, nama tokkorratti vaayrasiin koroonaa argame.
 
Haaluma kanaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 124 qaqqabeera.
 
Waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 50 ga’aniiru.
 
Namni haaraan qorannaa sa’aa 24tin vaayrasichaan qabamuun isaa mirkanaa’e dhalootan Ityoophiyaa, tuttuqqii nama vaayrasichaan qabameen kan qabu, lammummaan Ingiliiz kan ta’ee fi umriin isaa waggaa 45, Ingilizii deebi’ee tursa dirqii keessa kan jirudha.
 
Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa fi Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisanitti qorannichi kan gaggeeffame laabraatoorii Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, Wiirtuu Qorannaa Dhibee Beelladoota Biyyoolessaa, Dhaabbata Qorannaa Armaawr Haansan, Inistiitiyuutii Baayooteeknooloojii Ityoophiyaa, Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Amaaraa, Qorannaa Fayyaa Hawaasaa Adaamaa, laabraatoorii riifaraalaa fi Yuunvarsiitii Jigjigaatti.
 
Ityoophiyaan waliigalaan amma ammaatti qorannaa samuudaa vaayrasii koroonaa 14,588 gaggeessiteetti.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment