Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 982 Vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 19 darbeera

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 kaleessa darbeen namoonni dabalataa 982 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 19 darbuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sa’aa 24 darbetti samuudaan namoota 19,769 hojjetameen namoonni 982 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Namoonni haaraan 322 yoo dandamatan, waliigala namoonni 12,359 dandamataniiru.
 
Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 29,876 qaqqabeera.
 
Waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 528 ga’eera.
 
Namoonni 217 wallaansa cimaa keessatti argamu.
 
Yeroo ammaa namoonni 16,687 yaalarratti aragmu.
 
Hanga ammaatti namoota 609,463 qorannoon laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment