Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 818 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 818 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 14 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,127f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 818 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 979 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 16,945 irratti argama.

Namoonni 326 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 14 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,237 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 149,308 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment