Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 788 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 788 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 13 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,562f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 788 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 723 dandamataniiru.

Namoonni 16,154 yaalarratti argamu.

Namoonni 291 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 13 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,194 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 147,092 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.

Viidiyoowwanis daawwadhaa.

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment