Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 773 vaayrasii koroonaa yoo qabaman, lubbuun namoota 13 darbeera

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeen namoonni dabalataa 773 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 13 darbeera.

Sa’aa 24 darbetti qorannoon laabraatoorii namoota 11,039 hojjetameen namoonni 773 vaayrasichaan qabamaniiru.
Namoonni 13 ammoo lubbuun darbaniiru.

Namoonni haaraan 205 yoo dandamatan, waliigala namoonni 10,411 dandamataniiru.

Ityoophiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan 23,591 ga’eera.

Yeroo ammaa namoonni vaayrasichi irratti argamu 12,758 ta’uu Ministeerri Fayyaa ibseera.

Namoonni 164 wallaansa cimaa keessatti argamu.

waliigala Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii 420 qaqqabeera.

Hanga ammaatti namoota 509,010 f qorannoon laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment