Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 739 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 739 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.
 
Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,985 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 739 irratti vaayrasichi argameera.
 
Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 87,169 qaqqabaniiru.
 
Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 823 dandamachuun ibsameera.
 
Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 40,988 qaqqabuun eerameera.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 13 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,325 qaqqabeera.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 77 fi 80 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment