Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 734 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 24, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 734 vaayrasii koroonaan yoo qabaman,lubbuun namoota 10 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 6,216f gaggeeffameen vaayrasichi namoota 734 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 106 dandamataniiru.

Namoonni 13,311 yaalarratti argamu.

Namoonni 230 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 10 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,103 darbeera.

Ityoophiyaatti waliigala hanga ammaatti namoonni 138,384 dhibichaan qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment