Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 730 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aa 24tiin namoonni dabalataa 730 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.

Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 6,475 kan hojjetame yoo ta’u, 730 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 75,068 vaayrasichaan qabamaniiru.

Namoonni haaraan 226 yoo dandamata, waliigalaan lakkoofsi namoota dandamatanii 31,430 qaqqabeera.

Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,205 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Namoota vaayrasichi irratti argamu 43,461 keessaa 255 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 78 fi 822 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment