Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 703 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessaa 9, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 703 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.
 
Qorannaan laabraatoorii samuudaa 7,151 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 703 irratti vaayrasichi argameera.
 
Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 89,137 qaqqabaniiru.
 
Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 281 dandamachuun ibsameera.
 
Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 45,134 qaqqabuun eerameera.
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 6 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,352 qaqqabeera.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 3 fi kuma 97 fi 348 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment