Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 661 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeen namoonni dabalataa 661 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.
Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 8,551 kan hojjetame yoo ta’u, 661 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 71,083 vaayrasichaan qabamaniiru.
Waliigalaan hanga ammaatti kan dandamatan 29,253 qaqqabeera.
Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 14 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,141 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Namoota vaayrasichi irratti argamu 40,687 keessaa 262 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.
Ityoophiyaan waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 26 fi dhibba 297 hojjetameear.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment