Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 618 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 618 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.

Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 956 dandamachuun ibsameera.

Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6062 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 618 irratti vaayrasichi argameera.

Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 79,437 qaqqabaniiru.

Namoonni waliigalaan hanga ammaatti dandamatan 34,016 qaqqabuun eerameera.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 8 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1230 qaqqabeera.

Yeroo ammaatti namoota vaayrasichi irra jiru 44,189 keessaa 292 hordoffii wallaansa fayyaa cimaa keessa jiru.

Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 307 fi 632 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment