Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 604 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo guyyaa kaleessattiin namoonni dabalataa 604 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsameera.
Gabaasichaan qorannaan laabraatoorii 8,348 kan hojjetame yoo ta’u, 604 irratti vaayrasichi argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.
Haaluma kanaan waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 71,687 vaayrasichaan qabamaniiru.
Waliigalaan hanga ammaatti kan dandamatan 29,461 qaqqabeera.
Gabaasa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 7 kan darbe yoo ta’u, waliigalaan namoonni 1,148 lubbuu isaanii dhabaniiru.
Namoota vaayrasichi irratti argamu 41,076 keessaa 267 hordoffii wallaansa cimaa keessatti argamu.
Ityoophiyaan waliigalaan qorannaa laabraatoorii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 2 fi kuma 34 fi dhibba 645 hojjetameear.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment