Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 575 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannaa sa’aa 24 kaleessa darbeetin Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 575 vaayrasii koroonaatin qabamuun ibsame.
 
Qorannaan laabraatoorii samuudaa 6,676 kan hojjetame yoo ta’u, namoota 575 irratti vaayrasichi argameera.
 
Haaluma kanaan namoonni waliigalaan vaayrasichaan qabaman 91,693 qaqqabaniiru.
 
Gabaasa Ministeera Fayyaa kanaan namoonni 754 dandamachuun ibsameera.
Namoonni 45,035 yaalarratti argamu.
namoonni 306 ammoo wallaansa yaala cimaa keessatti aragmu
 
Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin lubbuun namoota 12 darbuun kan ibsame yoo ta’u, waliigalaan vaayrasichaan namoonni lubbuu isaanii dhaban 1,396 qaqqabeera.
 
Biyyattiitti hanga ammaatti namoota miiliyoona 1 fi kuma dhibba 4 fi kuma 23 fi 505 qorannaan laabraatoorii hojjetameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment