Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 564 vaayrasi koroonatin yooo qabaman, 104 ammoo dandamataniiru

Finfinnee, Sadaasa 5, 2013 (FBC)- Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 564 vaayrasi koroonatin yooo qabaman, 104 ammoo dandamataniiru.

Gabaasa qorannaa sa’aa 24 darbeetin qorannaan samuudaa namoota 6,343 hojjetamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksiseera.

Waliiigalaan Ityoophiyaatti namoota 102,321 irratti argaameera.

Waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 63,675 qaqqabeera.

Gabaasa qorannaa sa’a 24 darbeetin lubbuun namooota 7 yoo darbu, waliigalaan vaayrasichaan lubbuun isaanii kan darbe 1,565 ga’eera.

Yeroo ammaatti namooot vaayrasichi irratti argamu 37079 keessaa 321 hordoffii wallaansa yaala cimaa keessatti argamu.

Ityoophiyaatti hanga ammaatti qorannaan saamuudaa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 5 fi kuma 57 fi 6 hojjetameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa

Comments (0)
Add Comment